Luke 11:36 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nafi keeti duudiin ifa yoo qabaate, maddiin takkaalle dukkana keessa yoo hin jiraatin, akkuma yennaa ifi ifa ifii sitti issu te'u, nafi keeti duudiin ifaalessa te'a” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba yo nafi kanke ch'ufti ifsa qabaate fullaani diqoole dukanooftu injirre, nafi ch'ufti ifsa qaba, aka waan ifsaani guddo siti ifsu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duuba yo nafii kankee cuftii ibsee qabaatee, fulaan diqqoo dukkanooftuulleen hinjiree, akka waan ibseen guddoon sitti ibsituu naafii kankee cuftii ibsee ta'a” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eegasuu nafti kee maruu ifaa ta'ee huleen takkallee yoo hin dukkanoofne akka waan ifaan tokko ifa ufii sii ibsa'aaruutitti nafti kee maruu ifaa ta'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eegasuu nafti kee maruu ifaan guuttamee huleen takkallee yoo hin dukkanoofne akka waan ifaan tokko ifa ufii sii ibsa'aaruutitti nafti kee maruu ifaa ta'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa qaaminni kee guutuun dukkanni woyiituu uduu itti hin jiraatin ifaan ka guuttame yoo ta'e, garri ati qabddu marrinuu akka waan ibisaan ifa isaa si'iif caaralluu titti, ifa guddaa ni ta'a.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nafi keeti duudiin ifa yoo qabaate, maddiin takkaalle dukkana keessa yoo hin jiraatin, akkuma yennaa ifi ifa ifii sitti issu te'u, nafi keeti duudiin ifaalessa te'a» jedhe.