Luke 11:42 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isin Fariisaayotaaf aanne'e! Isin ashuuda'aa fi sugattee irraa, akkasuma waan ficha'atti dhaabattane duudii irraa kudhan keessaa tokko Waaqaaf kennitan, dhuga'aa fi jaalala waaqaa ammoo hin lakkittan. San adoo gootanuu tanalle worra dhibi'iif godhiisa lakkisuu hin malle.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaargala keesani Farisayo! Yo isani qooda kud'anneeso ta gurbi urgotiifi waan d'ibi sagaleeni urgeesanile Waaqa baaftani, ammo d'ugaafi Waaqa lakiftani, waan kana tolchu maltani ato taanile indeene.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gaargala keessan Fariisoota! Isan yo qooda kudhanneessoo ta gurbii urgootii fi waan dhibii sagaleen urgeesaniillee Waaqaa baaftanii, ammoo dhugaa fi Waaqaa lakkiftan, adoo taaniillee hindeenee waan kana tolchu maltan
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo isin Fariisonni urgoo caarotaa fi ashaakiltii maraa irraa kurneessoo waan kaffaltaniif, murtii qajeela'aa fi jaalala Rabbii waan tuffattaniif isin hobbaas! Haa ta'uu ammo waan kaawwanillee uduu hin dhiifne kana godhu'utu isin barbaachisa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo isin Fariisonni urgoo caarotaa fi ashaakiltii maraa irraa kurnaffaa waan kafaltaniif murtii qajeela'aa fi jaalala Rabbii waan tuffattaniif isin anne'e! Haata'uu ammoo, waan kaawwanillee uduu hin dhiifne kana godhu'utu isin barbaachisa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin Fariisonni isinii uunsha'a! Gara tokkoon amssuuda'aa fi sunkurttaa keessaa'llee, biqilttoota adda addaa didiqqoo irraa'llee kudhan keessaa harka tokko ni baafittan, gara bira'aatiin garuu murtii sirri'iitii fi jaalala Waaqaa ni dhiifittan, san yoo raawwattan kana'llee dhiisuun isin irra hin jiru ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Isin Fariisaayotaaf aanne'e! Isin ashuuda'aa fi sugattee irraa, akkasuma waan ficha'atti dhaabattane duudii irraa kudhan keessaa tokko Waaqaaf kennitan, dhuga'aa fi jaalala waaqaa ammoo hin lakkittan. San adoo gootanuu tanalle worra dhibi'iif godhiisa lakkisuu hin malle.