Luke 11:43 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isin Fariisaayotaaf aanne'e! Isin Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barcumaa ulfinnaa, addee dikko'ootille'etti nageya ulfinnaa akka isin fuudhanu jaallattan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaargala keesani, Farisayo! Barch'uma ch'ufa ira dansa mana Waaqa iti kad'atani keesati feetani, ammalle aka gabaya keesati nagaya isani fuud'ani jaalattani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gaargala keessan, Fariisota! Mana Waldeenaa keessatti barcumaa cufa irra dansaa feetan, ammallee gabaa keessatti akka nagaa isan fuudhan feetan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin Fariisota mana sagadaatitti barcumma kabajja'aa; gabaya'attillee akka nagaya isin gaafatan waan jaalattaniif isin hobbaas.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin Fariisota mana sagadaatitti barcumma kabajja'aa, gabaya'attillee akka nagaya isin gaafatan waan jaalattaniif isin hobbaasi.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin Fariisonni isinii uunsha'a! Bakka wolgayi'ii keessa barcumaa ulfinnaa irra taa'uu ni jaalatan, akkuma kana bakka yaa'ii'iitii fi bakka gabaya'aa titti, akka naminni marri gad jedhee nagaya isin gaafatuuf, ni barbaadan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin Fariisaayotaaf aanne'e! Isin Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barcumaa ulfinnaa, addee dikko'ootille'etti nageya ulfinnaa akka isin fuudhanu jaalattan.