Luke 11:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Yesuus ede'ee “Isin keessaa nami tokko lansa yoo qabaate, halkan wodhakkaa gara lansa ifii dhaqee ‘Lansa kiyya, daabboo xaltaa sadi naa liqeessi.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jara ufitiini jed'e, fakeenna, Yo nami toko isani keesa halkani guddo mana jaala ufi d'aqe waan jed'uuni, Jaali, qit'a sadi naa kenni.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus jara ufiitiin, “Fakkeennaa, isan keessaa namii tokko jaala qaba; duuba yo jaalii isaa sun halkan guddoo mana isaa dhaqee, ‘Jaal qixxaa sadii naa kenni.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni akkana isaaniin jedhe, «Isin keessaa namni hiriyyaa qabu tokko halkan wodhakkaa gara hiriyyaa ufii san dhaqee, ‹Jaalalloo kiyya mee buddeena sadihii naa liqeessi,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni akkana isaaniin jedhe, «Isin keessaa namni hiriyyaa qabu tokko, halkan wodhakkaa gara hiriyyaa ufii san dhaqee, ‹Jaalalloo kiyya mee buddeena sadihii naa liqeessi,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti aansee'llee Yesus barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Fakkeennaaf isin keessaa tokko waahela qabaatee, waahelli isaa sun halkan qixxe'een garas gara mana waahela isaa dhaqee, ‹yaa waahela kiyya, yabo'oo buddeena sadihii naa liqeessi,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yesuus ede'ee «Isin keessaa nami tokko lansa yoo qabaate, halkan wodhakkaa gara lansa ifii dhaqee ‹Lansa kiyya, daabboo xaltaa sad naa liqeessi.