Luke 11:51 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dhiiga Abeeliitiin jalqabee haga dhiiga Zakaariyaasii wodhakkaa addee ciinca'atii fi Galma Waaqaatitti ijjeessanee, ani dhugumaan isinitti hima, dhiiga isaan maraatiif dhalooti kun hin gaafatama.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
haga d'iiga Habilitiifi haga d'iiga Zekaria, ka jiddu fulla sorio iti qalaniifi fulla qulqulloti ijeesani. Ee, waan anini jed'u, d'iiga ch'ufa d'aloota kana iraa fed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Haga dhiiga Abeelitii, jalqabee haga dhiiga Zakaariyas, ka fulaa sooriyoo itti qalanii fi balbala mana qulqulloo jidduutti ijjeesaniitii, ee'ee anin isanitti himaa, dhiiga cufaa dhaloota kana irraa barbaadan?”
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kana jechuun, dhiiga Aabeelii irraa jalqabee haga dhiiga Zakkaariyaasii ka hulee ciinca'aatii fi mana woyyuu wodhakka'atti ajjeefame saniifillee hin gaafataman. Ee; Ani isiniin jedha, dhaloonni kun maruu hin gaafatama.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kana jechuun, dhiiga Abeelii irraa jalqabee haga dhiiga Zakkaariyaasii ka hulee ciinca'aatii fi mana woyyuu wodhakka'atti ajjeefame saniifillee hin gaafataman. Ee Ani isiniin jedha, dhaloonni kun maruu hin gaafatama.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dhugamaanuu isinitti hima, Abeeliin irraa jala qabee furddaa fi Mana Waaqeffanna'aa jiddu'utti haga ka ajjeefame haga Zakaariyaasii titti, waayee dhiiga jigeetiif dhaloonni kun murti'iin itti ni gaafatama.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhiiga Abeeliitiin jalqabee haga dhiiga Zakaariyaasii wodhakkaa addee ciinca'aatii fi Galma Waaqaatitti ijjeesanee, ani dhugumaan isinitti hima, dhiiga isaan maraatiif dhalooti kun hin gaafatama.