Luke 11:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
lansi isaa sun mana keessa tee'ee, isaan ‘Ana hin rakkisin! Balbalti cufantee, ijoolleen tiyyalle na woliin taqee irra ratteerti. Ani ka'ee womaa si'iif kenniisa hin dande'u’ hin jedhaa?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle yo namichi mana keesa jiru kaani, Aabbo na ingaargalchiini balbala yayu ch'ufani, anaafi ijoolleeni tiyya ya ramne, anini kae woma siti kennu indandau isaani jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee yo namichii mana keessa jiru kaan, ‘Abboo, na hingaargalchin balbala yaayyuu cufanii, ijoolleen tiyyaalleen na waliin siree irra rafuu jirtii, anin ka'ee homaa sitti kennuu hindanda'u’ isaan jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hiriyyaan isaa sun deebisee, ‹Amma balbala cufadheeraa na hin rakkisin ijoolleen tiyyallee na woliin rafteerti ka'ee sii kennuu hin danda'u› jedhaanii?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hiriyyaan isaa sun deebisee, ‹Amma balbala cufadheera na hin rakkisin ijjoolleen tiyyallee na woliin rafteerti ka'ee sii kennuu hin danda'u› jedhaanii?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Eegaa waahelli isaa sun mana keessaan ta'ee, ‹yabo'oo ana hin rakkisin! Balballi cufamee jira, ijoolleen tiyya'llee anaan woliin siree irra rafanii jiran, kanaaf ka'ee buddeena barbaadde si kennu'uuf hin danda'u› jedhaanii ree?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
lansi isaa sun mana keessa tee'ee, isaan ‹Ana hin rakkisin! Balbalti cufantee, ijoolleen tiyyalle na woliin taqee irra ratteerti. Ani ka'ee womaa si'iif kenniisa hin dande'u› hin jedhaa?