Luke 11:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani isinitti hima, lansa isaa waan te'eef ka'ee womaa isaaf kennuu dhabulle, adoo hin fokkifatin itti deddeebisee waan isa kadhateef, ka'ee waan isaa barbaachisu mara hin kenna” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maal duuba? Woni anini jed'u, inni yo kae, maro nami kaani jaala isaatiifi woi isaa kennu d'ibaatele, maro fokd'aba isaatiifi kae waan inni fed'u ch'ufa isaa kenna.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin isanitti himaa, innii adoo ka'ee, marroo namii kaan jaala isaa ta'eef wa isaa kennuu baateellee, marroo innii lakkisuu didee ila gogee kadhateef, ka'eetti waan innii fedhuu cufa isaa kenna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani akkana isiniin jedha, jaalalloo waan ta'eef hennaa san ka'ee kennu'uufii yoo baatellee waan kadhatee dhiisuu dideef ka'ee waan inni barbaadu maraa kennaaf» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani akkana isiniin jedha, jaalalloo waan ta'eef hennaa san ka'ee kennuufii yoo baatellee waan kadhatee dhiisuu dideef ka'ee waan inni barbaadu maraa kennaaf» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yoma waayee waahelummaa isaatiif' ka'ee isaa kennu'uuf ka hin barbaadinii'llee, ka'ee waan isa barbaachisuun maraa ni kennaaf» isiniin jedha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani isinitti hima, lansa isaa waan te'eef ka'ee womaa isaaf kennuu dhabulle, adoo hin fokkifatin itti deddeebisee waan isa kadhateef, ka'ee waan isaa barbaachisu mara hin kenna.