Luke 11:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre ani isiniin jedha: kadhadha'a isiniif hin kennanti; barbaada'a hin dhaggattani; dhodhowa'a balbalti isinii hin bananti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi waan anini isaniini jed'u, Kad'ad'a, inargattani; barbaada, inargitani; d'ad'aa, balbala isanii banani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf waan anin isanitti himuu, kadhadhaa inargattanii; barbaadaa inargitanii; balbala dhadha'aa isanii bananii.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Anillee akkana isiniin jedha; kadhadhaa'a isinii kennamaa; barbaadaa'a hin argattanii; balbala dhadhayaa'a isin jalaa banamaa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Anillee akkana isiniin jedha, Kadhadhaa'a isinii kennamaa, barbaada'a hin argattanii; balbala dhadhaya'a isin jalaa banamaa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Kanaaf ani'llee isiniin ka jedhu kana, kadhadhaa isiniif kennama, barbaadaa ni argattanii, cufantaa'llee dhadhayaa isinii banama,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Maarre ani isiniin jedha: gaafadha'a isiniif hin kennanti; barbaada'a hin dhaggattani; dhodhowa'a balbalti isiniif hin bananti.