Luke 12:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Jaali, akka ani isin irratti abbaa mura'aa yookiin qoodduu dhaalaa te'u eentu ana foye?” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo inni waan jed'eeni, Eentu qortu yokhaani qoodu hori keesani naa tolche?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammoo deebisee, “Eentu qortuu yokaan qoodduu horii keessanii na tolche?” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus deebisee, «Namicha nana! isin irratti murteessa'aa fi ka dhaalchisu akka ta'u eentu na muude?» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus deebisee, «Namicha nana, isin irratti murteessa'aa fi ka dhaalchisu akka ta'u eentu na muude?» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus garuu, «Yaa namana, isin jiddu'utti murtii kennaa akka ta'uu fi qabiyyee akka qooduuf, eennutu ana muude?» jechu'uun ni deebiseef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Jaali, akka ani isin irratti abbaa mura'aa yookiin qoodduu dhaalaa te'u eentu na fowe?» jedhe.