Luke 12:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni ‘Addee midhaan kiyya kana mara itti galchu hin qabu. Maan godha?’ jedhee yaadate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni d'ind'inse garaa ufi keesati waan jed'e, Anini fulla mid'aani kiyya olkeyad'u inqabu maal taha?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii dhindhinsee garaa ufii keessatti, ‘Anin fulaa midhaan kiyya itti galfadhu hinqabuu maal ta'a?’ jedhee ufi gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni ‹Midhaan kiyya bakka itti galfadhu dhabeeraa maal godhuu?› jedhee garaa ufii keessatti yaade.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni ‹Midhaan kiyya bakka itti galfadhu dhabeeraa maal godhuu?› jedhee garaa ufii keessatti yaade.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Inni'llee yaada isaa titti, ‹midhaan kana mara bakka itti wolitti qabu waan hin qabnneef, maal haa taasisu?› jedha'aa, ni yaada ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni ‹Addee midhaan kiyya kana mara itti galchu hin qabu. Maan godha?› jedhee yaadate.