Luke 12:20 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi ammoo isaan, ‘Ati gowwa'a! Edanuma tana lubbuun teeti fudhatanti; waan ati ifiif kuufatteertu kana mara eentu fudhata?’ jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Waaqi waan jed'eeni, Atini daalle, halkani kana lubbu tante fed'ani; horiini atini olkeete suni ka eennu taha duuba?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii ammoo isaan, ‘Atin daallee, halkan kana lubbuu tantee fedhanii, horiin atin olkeette sun ka eennuu ta'a duuba?’ jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi ammo, ‹Ati ceem'aaleessa nana, halkan kana lubbuu tee si keessaa fuudhu'uuf soqa'aaranii, ka wolitti kuufatte kun ka eennuu ta'a?› jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rabbi ammoo, ‹Ati cem'aaleessa nana halkan kana lubbuu kee si keessaa fuudhu'uuf soqaaranii, ka wolitti kuufatte kun ka eennuu ta'a?› jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Waaqinni garu, ‹ati gowwaa nana, adha halkan kanatti lubbuun kee si irraa ni fudhatamitti, eegaa qabeenni wolitti qabdde kun marri eennuuf ta'a?› jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi ammoo isaan, ‹Ati gowwa'a! Edanuma tana lubbuun teeti fudhatanti; waan ati ifiif kuufatteertu kana mara eentu fudhata?› jedhe.