Luke 12:27 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Daraaroti attam akka guddatanu ilaala'a: Isaan hin hujatanu yookiin woyaa ifiif hin dhowatanu. Ammoo ani isinitti hima, Solomooniin mootichinuu ulfinna ifii maraan woyaa akka daraaroota sanii dansitii hin uffanne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aka daraaraani bahu ilaala; inni inhojatu yokhaani woya inhod'atu; ammo waan anini isaniini jed'u, Solomonileeni guddinna ufi ch'ufa keesati aka daraara kana taka woya inuyifanne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka daraaraan ba'u laalaa; innii hinhojjatu yokaan wayaa hinhodhatu; ammoo waan anin isanitti himuu, Solomooniilleen guddinna ufii cufa keessatti akka daraaraa kanaa takka wayaa hinuyyifanne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abaaboon akkamitti akka guddatan laalaa'a. Hin dadhaban; jirbii hin fooyan. Haa ta'uu ammo Solomoonuu, uduu ulfinna san maraa qabu, kanniin keessaa akka tokkootitti hin uffanne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Abaaboon akkamitti akka guddatan laalaa. Hin dadhaban jirbii hin fooyan. Haata'uu ammoo Salamoonuu, ulfinna kana maraa uduu qabu, kanniin keessaa akka tokkootitti hin uffanne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Abaabonni raasa'aatuu attamitti akka guddatan mee laalaa, isaan huji'iin hin dadhaban, hin fooyan, haa ta'u malee Solomoonuu ulfinna isaa san maraan, isaan keessaa akkuma takkaa tittuu, uffata bareede hin uffanne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daraaroti attam akka guddatanu ilaala'a: Isaan hin hujatanu yookiin woyaa ifiif hin dhowatanu. Ammoo ani isinitti hima, Solomooniin mootichinuu ulfinna ifii maraan woyaa akka daraarota sanii dansittii hin uffanne.