Luke 12:28 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi marra adha mudhatee, boru ibiddatti gatamu yoo akkas seesee itti uffise, isin fa'a attam calchisee ufisuu dhaba. E, isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo yo Waaqi buuyo diida ta arra jirtu ammo ta bori ibidaani gubani akana uyise, hagasi ira isani inuyisu? D'ugefachaani teesani waan diqo d'uguma.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo Waaqii yo buuyyoo diidaa ta ardha jirtu ta ammoo bor ibiddaan gubaan akkana uyyisee, hagas irra isan hinuyyisuu? Dhugumaa, dhugeeffachan teessan waan diqqoo.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi ammo abaaboo raasa'aa mudhatu ka adha jiru ka boru gara ibiddaatitti gatamu marga raasa'aa akkana yoo ka uwwisu ta'e, isin worra amantii dhidhu'uu! Isin silaa attamitti kanniin caalaa isinitti hin uwwifne ree?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rabbi ammoo Abaaboo raasa'aa mudhatu ka adha jiru ka boru gara ibidadatitti gatamu marga raasa'aa akkana yoo ka uwwisu ta'e, isin worra amantaa dhidhu'uu! Isin silaa attamitti kanniin caalaa isinitti hin uwwifne ree?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa, Waaqinni adha muldhatee boru gara ibiddaa keessatti ka gatamu, marga raasa'aa akkanatti bareechisee itti ka ufisu eega ta'e, isin worra amantiin isinitti dhidhate nana, isin ammoo hoo attamitti kana caalchisee isinitti hin uffifnne!»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi marra adha mudhatee, boru ibiddatti gatamu yoo akkas seesee itti uffise, isin fa'a attam caalchisee uffisuu dhaba. E, isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo!