Luke 12:30 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kolbaan lafa tanaalle waan kana dhaggatiisaaf itti yaadaa rakkatti. Tun marti akka isinii barbaachittu Abbaan keessan ka ol-gubba'aa hin beeka.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi nami Waaqa imbeenne ch'ufti waan akana kana barbaada. Abbaani keesani aka isani waan akasi feetani imbeekha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanatiif namii Waaqaa hinbeenne cuftii waan akkana kana barbaada. Abbaan keessan akka isan waan akkasii feetan inbeeka.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanniin maraa worri adunyaa irra jiran worri Yihuudota hin taane waan soqaniif Abbaan keessan ka samii jiru kun maruu akka isin barbaachisu hin beeka.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanniin maraa worri adunyaa irra jiran worri Yihuudota hin taane waan soqaniif, Abbaan keessan ka samii jiru, kun maruu akka isin barbaachisu hin beeka.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana argachu'uuf ammoo namoonni biyya lafa kanaa'llee ni sarddaman, isin garuu kun marrinuu akka isin barbaachisu Abbaan keessan ka sami'ii ni beeka.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan lafa tanaalle waan kana dhaggatiisaaf itti yaadaa rakkatti. Tun marti akka isinii barbaachittu Abbaan keessan ka ol-gubba'aa hin beeka.