Luke 12:35 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus itti aansee, “Huji'iif hidhadha'aatii qophowa'a, ifa keessanille iffadha'a!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mart'o teesani mart'ifad'a, ifsa keesani bobeefad'a;
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Mar. xoo teessan marxifadhaa, ibsee teessan bobeeffadhaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ammallee Yesuus akkana jedhe, «Isin mudhii keessan hidhadha'aatii huji'iif qophaayaa'a; worra ibsaan isaanii ifu ta'aa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin worra mudhii keessan huji'iif hidhate, ibsaan keessanillee ka ife haata'uu. Hojjattoota gooftaan isaanii cidha fuudhaa fi heerumaatii galee hennaa balbala dhadhayu, akkuma inni balbala dhadhayeen isa jalaa banu'uuf qophaayanii isa eegan sanniin fakkaadhaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Gabaaba'aan hidhadha'aatii yeroo maraa huji'iif qophaayaa, ibisaan keessan'llee ka ife haa ta'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus itti aansee, «Huji'iif hidhadha'aatii qophowa'a, ifa keessanille iffadha'a!