Luke 12:37 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Tajaajiltooti goottaan isaanii yennaa deebi'u dammaqaneeranuun dhaggu, ka eebbiffamane. Ani dhugumaan isiniin jedha, inni woyaa ifii caccaffatee, addee nyaataa isaan teessisee hin areera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ayyaana hojattu suni ta abbaani yo gale kurfo argu! D'uguma, waan anini isaniini jed'u, inni mart'ifate worra teteesise, d'ufe gololcha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hojjattootii abbaan isaanii yo gale warra kurfoo jiru argu ta badhate! Dhugumaan, isanitti himaa, innii dhufeetti marxifatee warra teteessisee, irra ejjee isaan gololcha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garboonni gooftaan isaanii hennaa dhufu uduu hojjatan arguun isaan worra eebbifame. Dhugamaan isiniin jedha, marxifatee isaan teessisee ufii dhaabatee isaan nyaachise.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Garboonni gooftaan isaanii hennaa dhufu uduu hojjatan ka arguun, isaan worra eebbifame. Dhugamaan isiniin jedha, marxifatee isaan teessisee ufii dhaabatee isaan nyaachise.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan worri yoo gooftaan isaanii dimmaa dhufetti worri dammaqanii uduu isaan eeggatan, isaan arggatu tajaajilttoonni isaan attami ka galateeffataman? Dhugamaan isiniin jedha, inni gabaabnnaan hidhatee nyaataaf isaan ni teesisa, dhiyaatee'llee isaan ni tajaajila.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tajaajiltooti goottaan isaanii yennaa deebi'u dammaqaneeranuun dhaggu, ka eebbifamane. Ani dhugumaan isiniin jedha, inni woyaa ifii caccaffatee, addee nyaataa isaan teessisee hin areera.