Luke 12:42 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Goottaan deebisee, “Tajaajilaan addatama'aa fi qaroon, ka goottan isaa akka inni maatii isaa siri'itti bulchuu fi tajaajiltoota isaatiif sagalee yenna'aan akka kennuuf itti gaafatamummaa kennu kam ree?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba Aabbooni waan jed'eeni, Gololchituuni qalbi qabdu ta abba ufi guute eennu re? Inni ka abbaani isaa waan ch'ufa harka isati kenne, hojattu d'ibi gololchi jed'uuni.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Aabboon deebiseefii, “Gololchan qalbii qabu ka abbaa ufii guutee abbaan isaa waan cufaa harka isaatti kennee hojjattoota dhibii gololchi jedhuun eennu ree?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gooftaan akkana jedhee deebiseef, «Eegasuu hojjataan amanamaa fi ogeessi, ka gooftaan isaa nyaata isaanii henna'aan akka kennuufiif jedhee gooftaan hojjattoota ufii irratti isa muudu eennu?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gooftaan akkana jedhee deebiseef, Eegasuu, «Hojjataan amanamaa fi ogeessi, ka gooftaan isaa nyaata isaanii henna'aan akka kennuufiif jedhee gooftaan hojjattoota ufii irratti isa muudu eennu?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gooftaan Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Eegaa, maatii isaa akka ta'utti isaan haa bulichu'uu fi tajaajiltoota isaatiif'llee nyaata isaanii yeroo ramadametti akka isaanii kennuuf, tajaajilaa gooftaan isa muudeen amanama'aa fi qaruuteen eennu?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Goottaan deebisee, «Tajaajilaan addatama'aa fi qaroon, ka goottaan isaa akka inni maatii isaa sirri'itti bulchuu fi tajaajiltoota isaatiif sagalee yenna'aan akka kennuuf itti gaafatamummaa kennu kam ree?