Luke 12:47 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Fedhii goottaa ifii adoo beekuu tajaajilaan hin qopheeffanne, yookiin ajaja goottaa ifii hin muummessine akka malee hin dhaanama.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojattuuni fed'i abba ufi beete ammo inguutiini d'aanicha gudda argati.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hojjataan fedhii abbaa ufii beekee ammoo waan abbaan isaa irraa fedhu hinqopheesin yokaan hinguutin dhaanicha guddaa dhaanama.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hojjataan fedhii Gooftaa ufii beekee hin qophoofnee fi akka fedhii isaa ka hin goone sun guddisee tumama.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hojjataan fedhii Gooftaa ufii beekee, hin qophoofneef akka fedhii isaa ka hin goone sun guddisee tumama.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Fedhii Gooftaa isaa beeka'aa ka hin qophaayin yookiin ajaja Gooftaa tajaajilaan isaa ka hin raawwatin, ciminnaan ni adabama.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Fedhii goottaa ifii adoo beekuu tajaajilaan hin qopheeffanne, yookiin ajaja goottaa ifii hin muummessine akka malee hin dhaanama.