Luke 12:48 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ammoo tajaajilaan fedhii goottaa ifii beekuu dhabiisaan, waan isa dhaansisu yoo huje, diqquma dhaanama. Nama waan guddoo itti kenname irraa waan guddo'otti barbaadama; nama hadaraan guddaan itti kenname irraa ka caalu hin barbaadama” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo hojattuuni imbeenne, ta waan d'aanicha male tolchitu, d'aanicha diqa argati. Nama waan guddo iti kennani waan guddo ira fed'ani; ka waan guddo harka isati kennani waan hagasi iraa guddo iraa fed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hojjataan waan irraa eegan hinbeenne ammoo, yo waan isa dhaansisaallee hojjatee dhaanicha diqqaa dhaanama. Nama waan guddoo itti kennan waan guddoo irraa fedhan; ka waan guddoo harka isaatti kennan waan hagas irra guddoo irraa fedhan” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka waan isa tumsiisu hin beenne ammo uduu hin beenne yoo hojjate diqqoo tumama. Nama wonti guddaan itti kenname irraa waan gudda'atu barbaadama; Ka yaboon guddaan itti kenname irraallee waan gudda'atu barbaadama» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka waan isa tumsiisu hin beenne ammoo, uduu hin beenne yoo hojjate diqqoo tumama. Nama wonti guddaan itti kenname irraa waan guddatu barbaadama; Yaboon guddaan ka itti kenname irraallee waan guddatu barbaadama» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu fedhii Gooftaa isaa beekuu dhabu'uun, waan adabsiisu raawwatee yoo argame, adabbiin ni salphataaf, nama baayi'een kennameef irraa baayi'een isa irraa ni barbaadama, yaboon baayi'een nama itti kenname irraa'llee, wonitti baayi'een ni eegama.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammoo tajaajilaan fedhii goottaa ifii beekuu dhabiisaan, waan isa dhaansisu yoo huje, diqquma dhaanama. Nama wonni guddoon itti kennante irraa waan guddo'otti barbaadama; nama maganneen guddoon itti kennante irraa ka caalu hin barbaadama» jedhe.