Luke 12:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani ka sodaatiisaa maltane isinitti mudhisa: Ka ijjeeseen duuba, ibidda bara baraatitti gatiisaaf baallii qabu, Waaqa sodaadha'a. Ee, ani isinitti hima isa callaa sodaadha'a!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo nama sodaachu malani anini isaniti hima; Waaqa sodaad'a, ka eegi nafa ijeese jabeenna ibida keesa buusuuni qabu. Ee, waan anini isaniini jed'u, sunuma sodaad'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ka sodaachuu malan ammoo anin isanitti himaa, ka eegii nafa ijjeesse, jabeenna ibidda haga jiruu jireennaa hindhamnee keessaan buusu qabuu sodaadhaa! Ee, wantii anin isaniin jedhu, sunumaa sodaadhaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani ammo waan sodaattan isinitti hima. Rabbii haga ajjeeseen maayessa gara asaabaa gatu'uuf baallii qabu sodaadhaa'a!
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani ammoo waan sodaattan isinitti hima. Ka haga ajjeeseen maayessa gara asaabaa gatu'uuf baallii qabu sodaadhaa'a!
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu eennuun sodaachuun akka malu isinitti ni hima, kun'llee eega ajjeeseen duubatti gara ibidda asaabaa titti gatu'uuf aangoo ka qabu Waaqa, ee, isuma qofa sodaadhaa isiniin jedha!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani ka sodaatiisaa maltane isinitti mudhisa: Ka ijjeeseen duuba, ibidda bara baraatitti gatiisaaf baallii qabu, Waaqa sodaadha'a. Ee, ani isinitti hima isa callaa sodaadha'a!