Luke 12:56 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isin kijiboole'e! Waan lafaatii fi duumensaa ilaaltanee himuu hin dandeettan; maaf waan bara kanaa hin beekin ree?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani kiyyibdoole! Waan lafatiifi ka gubba himu imbeetani; ammo akami waan ammatani himu dad'abdani re?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan kiyyibdoolee! Waan lafaatii fi ka gubbaa himuu inbeettanii, ammoo akkamiin waan ammatanaa himuu dadhabdan ree?” jedhee.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin fakkeessitoota akkaataa qilleensa lafaatii fi sami'ii laaltanii beettan. Haa ta'uu ammo maaf hiikkaa bara kanaa himuu dadhabdan ree?»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin fakkeessitoota akkaataa qilleensa lafaatii fi sami'ii laaltanii beettan. Haata'uu ammoo maali'iif hiikkaa bara kanaa himuu dadhabdani ree?»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin fakkeessitoota nana, bifa arddi'iitii fi sami'ii laalu'uun waan ta'u ni beekitan, eegaa bara ammaa kanatti waan ta'u maali'iif hin beekinnee?»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin kijiboole'e! Waan lafaatii fi duumensaa ilaaltanee himuu hin dandeettan; maaf waan bara kanaa hin beekin ree?