Luke 12:58 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nami tokko si himatee gara abbaa seeraa si geessiisaaf yoo ka'e, adoo abbaa seeraa dura hin geyin kara'attuu isa woliin wolii galiisaaf wodhaan. Yoo hin wodhaanin gara abbaa seeraa harkisee si geessa, abbaan seeraalle bulchaa mana hidha'aatitti dabarsee si hin kenna, innille gara mana hidha'aa si galcha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja nama si kajellu woliini gara jaarsa qorsuma yaatani, haga dandeetani wold'aqa kara keesati, aka inni jaarsa qorsuma durati si inhirkimne yokhaani guddaani qorsuma harka gudda askartiti si inkenine ammalle guddaani askarti si inhiinne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo nama si kajeelu waliin gara jaarsa qorsummaa yaatan, haga dandeettan karaa irratti waldhaqaa, akka innii jaarsa qorsummaa duratti si hirakimne yokaan akka guddaan qorsummaa harka guddaa warra waraanaatti si kennee guddaan warra waraanaa si hin hine.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka si himate woliin hennaa gara mana murti'ii deemtu, gara abbaa seeraa uduu si hin finne, abbaan seeraallee worra hidhutti dabarsee uduu si hin kennine, worri hidhullee akka si hin hiine karaa irra uduu jirtu ka si himateen wolitti araaramuu yaali siin jedha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka si himate woliin gara mana murti'ii hennaa deemtu, gara abbaa seeraa uduu si hin finne abbaan seeraallee worra hidhutti dabarsee uduu si hin kennine worri hidhullee akka si hin hiine karaa irra uduu jirtu ka si himateen wolitti araaramuu yaali siin jedha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Mormmataan kee si himatee gara mana murti'ii yeroo si fidutti uduma karaa irra jirtu, mormmataa keetiin woliigalu'uuf tataafadhu, yoo kana ta'uu dhabaate garuu gara abbaa seeraa harkisee si ni fudhata, abbaan seeraa'llee ka hidhuuf dabarssee si ni kenna, ka hidhu'llee gara mana hidha'aa si ni aseensisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami tokko si himatee gara abbaa seeraa si geessiisaaf yoo ka'e, adoo abbaa seeraa dura hin geyin kara'attuu isa woliin wolii galiisaaf wodhaan. Yoo hin wodhaanin gara abbaa seeraa harkisee si geessa, abbaan seeraalle bulchaa mana hidha'aatitti dabarsee si hin kenna, innille gara mana hidha'aa si galcha.