Luke 12:59 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani sitti hima, saantimiin cadduulle adoo hin hafin haga kaffaltutti ijjumaa hin baatu” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan anini siini jed'u, Atini keesaa imbaatu, haga gati tante ch'ufa baaftuuti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin sitti himaa, haga gatii tantee cufaa baaftuutti atin mana hidhaa keessaa hinbaatu” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani sitti himaa saantibiin tokkittiin uduu si irratti hin hafne haga kaffaltutti achii horomaa hin baatu.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani sitti himaa saantibiin tokkittiin uduu sirratti hin hafne haga kafaltutti achii horomaa hin baatu.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Adabbii kee mara'llee xumurttee uduu hin kafalin, mana hidha'aatii bayuu akka hin dandeenne'llee, sitti ni hima.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani sitti hima, saantimiin cadduulle adoo hin hafin haga kaffaltutti ijjumaa hin baatu» jedhe.