Luke 13:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa san namooti gariin gara Yesuusii dhufanee, marroo worra Galiila'aa ka adoo Waaqaaf woreega woreegiisatti jiranuu, Philaaxoos ijjeesisee dhiiga isaanii woreega isaanii woliin makee itti himane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojuma suni jari toko Yesoti d'ufe waan jed'eeni, Pilatoni yayu worra Galilaya toko ka sorio qalatu fit'e, d'iiga worraatiifi ka sorio wolti makhe jed'ani jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoma sun jarii tokko gara Yesus dhufee, “Philaaxos yaayyuu warra Galiilaa ka sooriyoo qalatu tokko fixee, dhiiga warraatii fi ka sooriyoo walti make jedhan” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san namoonni gara Yesuusii dhufanii, «Namoonni Galiila'aa hennaa ciincaa dhiyeessan, Philaaxoos isaan ajjeesee dhiiga isaanii ciincaa isaan Rabbiif dhiyeessan woliin wolitti make» jedhanii Yesuusitti himan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa san namoonni gara Yesuusii dhufanii, namoonni Galiila'aa hennaa ciincaa dhiyeessan, Philaaxoos isaan ajjeesee dhiiga isaanii ciincaa isaan Rabbiif dhiyeessan woliin wolitti make jedhanii Yesuusitti himan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti namoonni gara Yesusii dhufanii, «Namoonni Galiila'aa ciinccaa yeroo dhiyeessanitti Philaaxos isaan ni ajjeese, dhiiga isaanii'llee ciinccaa isaaniitiin wolitti ni make» jechu'uun, itti ni himan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san namooti gariin gara Yesuusii dhufanee, marroo worra Galiila'aa ka adoo Waaqaaf woreega woreegiisatti jiranuu, Philaaxoos ijjeesisee dhiiga isaanii woreega isaanii woliin makee itti himane.