Luke 13:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus yennaa isii dhagge gara ifii isii waamee, “Dubarti'i, ati dhibee teeti irraa fayyiteerta” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni isi arginaani yaame waan jed'eeni, Aato, atini fayyad'aba kanke ya fayyite!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus isii arginaan gara ufii yaamee, “Hatoo, atin fayyadhaba kankee ya fayyite!” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusillee hennaa isii arge gara ufii isii waamee, «Dubartii nana, ati dhibee kee irraa fayyiteerta» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee hennaa isii arge gara ufii isii waamee, «Dubartii nana, ati dhibee kee irraa fayyiteerta» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus yeroo isii arge waameeniiti, «Dubarttii nana, dhukkuba kee irraa fayyitee jirta!» isi'iin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus yennaa isii dhagge gara ifii isii waamee, «Dubarti'i, ati dhibee teeti irraa fayyiteerta» jedhe.