Luke 13:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Sooressi mana Waaqeffannaa Yihudootaa waan Yesuus guyyaa Sanbataatiin fayyiseef aaree, kolba'aan, “Guyyooti huji'ii jaan jiran. Maarre guyyoota san kowa'aatii fayyifama'a malee, guyyaa Sanbataatiinii moti” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo guddaani mana Waaqa iti kad'atani aka Yesoni guyya Sabato nama fayyisu arginaani dalane waan gumiini jed'e, Guyya jaati jira ka huji tolchani; tanaafi guyya suni koota aka fayyitani, ammo guyya Sabato ind'ufiina.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guddaan mana waldeennaa ammoo, akka Yesus guyyaa Sanbataa nama fayyise arginaan dallanee gumiin, “Guyyaan hujii hojjatan ja'aatti jiraa, tanaaf guyyaa sun akka fayyitaan, koottaa malee, guyyaa Sanbataa hindhufiinaa!” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bulchaan mana sagada Yihuudotaa ammo Yesuus Sambataan waan nama fayyiseef aaree akkana jedhe, «Guyyoonni hujiin itti hojjatamuu barbaachisu jahatu jira; Kanaaf guyyoota sanniinitti kootta'aa fayyaa malee, guyyaa Sambataatiin hin ta'u.» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bulchaan mana sagada Yihuudota ammoo Yesuus Sambataan waan nama fayyiseef aaree, akkana jedhe, «Guyyoonni hujiin itti hojjatamuu barbaachisu jahatu jira. Kanaaf guyyoota sanniinitti kootta'aa fayyaa malee, guyyaa Sambataatiinii miti» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus guyyaa Sanbbata diqqa'aatiin waan fayyiseef itti gaafatamaan bakka wolgayii isaanii dallaneeti ummataan, «Torbaan keessatti hujiin ka itti hojjatamu guyyoota jahatu jira, guyyoota kanniintti koota'aatii fayyaa, guyyoota Sanbbata diqqa'aatiin garuu hin ta'u» jedhee dubbate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sooressi mana Waaqonfannaa Yihudootaa waan Yesuus guyyaa Sanbataatiin fayyiseef aaree, kolba'aan, «Guyyooti huji'ii jaan jiran. Maarre guyyoota san kowa'aatii fayyifama'a malee, guyyaa Sanbataatiinii moti» jedhe.