Luke 13:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isiin akka sanyii sanaafici'ii ta nami tokko fuudhee fichaa ifii keessatti dhaabeen guddattee muka guddaa teetee, sinbirreen dhuttee dameelee isi'ii irratti mana ijaarrattuu fakkaatti” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guma dambi toko fakaata, ta nami fuud'e oobru ufiti fach'aasu; late bahe, mukha gudda tahe, simpirreeni dame isaa gubbaa mana jaaratte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Mootummaan Waaqaa gumaa dambii, ka namii fuudhee oobruu ufiitti facaasee; latee ba'ee, muka guddaa ta'ee, simphirreen damee isaa gubbaatti mana jaaratte tokko fakkaatti” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Jeennanni Rabbii gumaa heexo'oo ka namni fuudhee maasaa ufii keessatti dhaabe fakkaatti. Isiin guddattee muka guddaa taate; simbirroonni sami'iillee dhuftee damee isi'ii irratti maandhee ijaaratti» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Jeennanni Rabbii gumaa sanaaficaa ka namni fuudhee maasaa ufii keessatti dhaabe fakkaatti. Isiinillee guddattee muka guddaa taate; simbirroonni sami'iillee dhuftee damee isi'ii irratti mana ijaaratti» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Naminni tokko bakka biqilttuu isaa keessatti ka facaase, firii suuniffa'aa ni fakkaatti, isiin'llee guddattee muka ni taate, sinbirroonni'llee dameewwan isi'ii irratti mandhee isaanii ni ijaaratan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isiin akka sanyii sanaafici'ii ta nami tokko fuudhee fichaa ifii keessatti dhaabeen guddattee muka guddaa teetee, sinbirreen dhuttee dameelee isi'ii irratti mana ijaarrattuu fakkaatti» jedhe.