Luke 13:23 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami tokko, “Gootta'a, ka fayyu kolbaa diqqo'oo?” jedhee gaafate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami toko waan jed'eeni, Aabbo, nami baafamu diqa? Inni waan worraani jed'e,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii tokko, “Aabboo, namii baafamu diqqqaa?” jedhee gaafate. Innii warraan,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namichi tokko, «Gooftaa kiyya, worri fayyan hago'oo mitii?» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namichi tokko, «Gooftaa kiyya, worri fayyan diqqo'oo mitii?» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti naminni tokko, «Yaa Gooftaa, ka fayyan namoota muraasa moo?» jechu'uun ni gaafateen, Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami tokko, «Gootta'a, ka fayyu kolbaa diqqo'oo?» jedhee gaafate.