Luke 13:24 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Balbala dhipho'oon seeniisaaf mixiixxadha'a; ani isinitti hima; namooti hedduun seeniisaaf wodhaanan; ammoo hin dande'anu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mit'it'ama aka balbala d'ipooni olseentani; wonti akanatiifi, waan anini jed'u, nama hedduti seenu fed'a ammo indandaani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Akka balbala dhiphoon olseentan wal doggomaa; wantii akkanatiifii, anin isanitti himaa, nama hedduutti seenuu fedha, ammoo hindanda'an.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee akkana isaaniin jedhe, «Balbala dhipha'aan ol seenu'uuf tattaafadhaa'a; ani isinitti himaa, namoonni hedduu seenu'uuf tattaafatan. Haa ta'uu ammo seenuu hin dandeenne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee akkana isaaniin jedhe, Balbala dhipha'aan ol seenu'uuf tattaafadhaa'a; ani isinitti himaa, namoonni hedduu seenuuf tattaafatan. Haata'uu ammoo seenuu hin dandeenne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Balbala dhipo'oon aseenu'uuf tataafadhaa, balbala kanaan aseenu'uuf worri barbaadan baayi'eewwan, garuu aseenu'uuf hin danda'an, isiniin jedha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Balbala dhipho'oon seeniisaaf mixiixxadha'a; ani isinitti hima; namooti hedduun seeniisaaf wodhaanan; ammoo hin dande'anu.