Luke 13:25 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Abbaan manaa ka'ee balbala cufeen duuba, isin ala dhaabbatanee balbala dhodhowaa, ‘Goottaa keenna balbala nu'uuf bani!’ jettanee hin waantan; ‘Inni ammoo deebisee, ‘Isin eessaa akka dhuttane ani hin beeku’ isiniin jedha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja abbaani mana kae balbala ch'ufe, isani ala ejaanjitani balbala d'od'ooftani waan jettani, Aabbo, nu bani, Inni waan isaniini jed'u, Anini fulla isani baataniifi imbeekhu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii abbaan manaa ka'ee balbala cufee, isan ala ejaajjitanii balbala dhodhooftanii, ‘Aabboo nuu bani!’ jettanii yaamtan; innii ammoo, ‘Anin garuma isan baataniifiiyyuu hinbeeku’ jedheetti isanii deebisa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abbaan mana sanii haga balbala cufeen maayessa isin diida dhaabattanii, ‹Gooftaa! Gooftaa! nuu bani›! jedha'aa balbala dhaya'aa kadhattan. Inni garuu deebisee, ‹Eessaa akka dhuftan isin hin beeku› isaaniin jedha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Abbaan mana sanii balbala haga cufeen maayessa isin diida dhaabattanii, ‹Gooftaa Gooftaa nuu bani›! jedha'aa balbala dhayaa kadhattan. Inni garuu deebisee, ‹Eessaa akka dhuftan isin hin beeku› isaaniin jedha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Abbaan manaa ka'ee balbala ni cufa, isin'llee balbala dhaabattanii balbala dhadhayu'uun, ‹yaa Gooftaa! Yabo'oo nuuf bani!› jechuu jala ni qabddan, inni'llee, ‹eessaa akka dhufittan hin beeku!› jechu'uun, isinii ni deebisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abbaan manaa ka'ee balbala cufeen duuba, isin ala dhaabbatanee balbala dhodhowaa, ‹Goottaa keenna balbala nu'uuf bani!› jettanee hin waantan; inni ammoo deebisee, ‹Isin eessaa akka dhuttane ani hin beeku› isiniin jedha.