Luke 13:26 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Achiin duuba isin deebittanee, ‘Si woliin nyaannee unneera; karaa keenna irralle'etti barsiiteerta’ jettan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba isani waan jettani, Nu woliini teteenne nyaanne d'unne, atini dira keenna keesati barsiifte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duuba isan, ‘Nu waliin teteennee nyaannee, dhunnee atin dira keenna keessatti nu barsiifte’ jettan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Isin ammo hennaa san, ‹Nu si woliin nyaannee dhunneerra; gumii keenna irrattillee nu barsiifteerta› jechuu jalqabdan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Isin ammoo hennaa san, ‹Nu si woliin nyaannee dhunneerra; gumii keenna irrattillee nu barsiifteerta› jechuu jalqabdan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti isin, ‹si'iin woliin nyaannee jirra, woliin'llee dhuginnee jirra, yaa'ii keennaa titti'llee barsiifitee jirta› ni jettaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Achiin duuba isin deebittanee, ‹Si woliin nyaannee unneerra; karaa keenna irralle'etti barsiitteerta› jettan.