Luke 13:28 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Mootummaa Waaqaa keessatti, Abrahaam, Yisihaaq, Yaaqoobii fi raagota mara dhaggitanee, isin alatti yennaa gatantane, achitti booyaa ilkaan qartan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Achiti bootani ilkaani qartani hojja Abrahamufi Isaaqofi Yakobofi raaga ch'ufa Finna Waaqa keesati agartani; ammo isani alati gatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Achitti yo Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoobii fi raagota cufa Mootummaa Waaqaa keessatti gartan, isan ammoo alatti gatanii, boottanii ilkaan qartan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa Abrahaam, Yisaaq, Yaaqoobii fi raattota maraa jeennata Rabbii keessatti argitan isin ammo gara diidaa gatamtan; achitti booya'aa ilkaan qartan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa Abrahaam, Yisihaaq, Yaaqoobii fi raattota maraa jeennata Rabbii keessatti argitan isin ammoo gara diidaa gatamtan, achitti booya'aa ilkaan qartan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Abraahaamiin, Yishaaqiin, Yaaqoobiin, nabiyyoota mara'llee Mootummaa Waaqaa titti isaan ni argitan, isin garuu alatti gatamttanii yoo hafittan, booyaa fi ilkaan qariinissi isin irra ni gaya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootummaa Waaqaa keessatti, Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoobii fi raagota mara dhaggitanee, isin alatti yennaa gatantane, achitti bowaa ilkaan qartan.