Luke 13:33 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Te'uu malee, ani adhaa fi boru, ittaanille garuma duraa deemuu male; sababille raagaan tokko Yerusaalem keessatti malee, addee dhibi'itti ijjeeffamuu hin malle” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo kara kiyya qabachu male arrafi borifi iftaanile; wonti akanatiifi raagi Yerusalemu male fulla d'ibiti duu himmalle.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo ardha, borii fi iftaaniillee karaa kiyya qabachuu male, wantii akkanatiifii raagii Yerusaalem male fulaa dhibiitti du'uu hinmalle’ jedha” warraan jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo, raattichi Yerusaalemiin alatti du'uun waan hin barbaachifneef adha, boru yookaan haga iftaaniititti hin deema» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo, raattichi Yeruusaaleemiin alatti du'uun waan hin barbaachifneef, adha, boru yookiin haga iftaaniititti hin deema» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Haa ta'u malee adhaa fi boru boruun duubatti'llee, adeemissa kiyya gara Yerusaalemii itti fufuu qaba, nabiyyiin Yerusaalemitti malee bakka bira'aa titti du'uun isaan hin maluun.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee, ani adhaa fi boru, ittaanille garuma duraa deemuu male; sababille raagaan tokko Yerusaalem keessatti malee, addee dhibi'itti ijjeefamuu hin malle» isaaniin jedhe.