Luke 13:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yookiin worri kudhanii saddeeti ka Siilo'amitti xelleephoon dhaka'aa dheertuun itti jiddee fixxe, worra Yerusaalem keessa le'u mara caalaa yakkaammeyyii isinitti fakkaataa?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yokhaani worra kud'ani saddeeti kaani, ka mani Siloamu irati jige fit'e, waan worri nama ch'ufa ka Yerusalemu keesa jiru ira dabe seetani?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yokaan warra kudhanii saddeetii kaan, ka manii Siilo'am irratti jigee fixe, waan warrii nama Yerusaalem keessa jiru cufaa irra cubbame seetanii?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoota kudha saddeetii ka Saalihoomitti dalloofni dhaga'aa isaanitti jigee ajjeese sun namoota Yerusaalemiin keessa jiraatan caalaa cubbamtoota isinitti fakkaataa?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namoota kudha saddeetii ka Saalihoomitti dalloofni dhaga'aa isaanitti jigee ajjeese sun namoota Yeruusaalemiin keessa jiraatan caalaa cubbamtoota isinitti fakkaataa?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Saaliihoom'tti kaabaan dhaga'aa isaanitti jigee ka du'an, waayee namoota kudha saddeetii maal yaaddan? Isaan namoota Yerusaalemiin jiraatan mara irraa caalaa cubbamoota waan turaniif, isinitti fakkaata ree?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yookiin worri kudhanii saddeeti ka Siilo'amitti xelleephoon dhaka'aa dheertuun itti jiddee fixxe, worra Yerusaalem keessa le'u mara caalaa yakkaameyyii isinitti fakkaataa?