Luke 14:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Yesuus namicha isa keessummeesu'uuf waameen, “Sagalee guyya'aa yookiin sagalee galgalaa yennaa gootu, jaalolee teeti yookiin obboleeyyan teeti yookiin firoottaan keeti yookiin dureeyyii ollaa keetii hin waamin; yoo waante, isaanille deebisanee si waamanee, deebittee hin kaffalta.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yesoni namicha isa yaame kaaniini waan jed'e, Hojja sagale guyyatiifi yokhaani ta galgala d'aabdu, jaallani tantetiifi, yokhaani oboleyaani tante iyaamini, yokhaani fiit'a tante yokhaani dureeyi olla kanketi iyaamini, aka worrileeni garagale si iyaamne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus namicha isa yaame kaaniin, “Yo sagalee guyyaa yokaan ta galgala dhaabdee nama yaamtuu, akka warriilleen garagalee si yaamuuf jettee, jaallan tantee, obboleeyyan tantee, fiixaa tantee yokaan dureeyyii ollaa kankeetii hinyaamin.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus namicha isa waame saniin akkana jedhe, «Laaqana yookaan hurbaataa yoo qopheessite maal laataa harka naa deebisan jettee jaalalloota, Ilmaan haadhaa tee, aantota dureeyyii ollaa keetii hin waamin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus namicha isa waame saniin akkana jedheen, Laaqana yookaan hurbaataa yoo qopheessite maal laataa harka naa deebisan jettee jaalalloota, Ilmaan haadhaa tee, aantota dureeyyii ollaa keetii hin waamin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus namicha afeerittichaan ammoo akkana isaan ni jedhe, «Afeerrii laaqanaa yookiin irbaata yeroo taasfttanitti harka isaanii deebisu'uuf koree isaaniitiin worra si afeeran waahellan kee, obboleeyyan kee, firoota kee, olloota kee dureeyyii'llee hin waamin,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yesuus namicha isa keessummeessu'uuf waameen, «Sagalee guyya'aa yookiin sagalee galgalaa yennaa gootu, jaalolee teeti yookiin obboleeyyan teeti yookiin firoottan keeti yookiin dureeyyii ollaa keetii hin waamin; yoo waante, isaanille deebisanee si waamanee, deebittee hin kaffalta.