Luke 14:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Keessummoota qori'itti hiiqanee tee'ane kessaa tokkochi, kana yennaa dhage'e Yesuusiin, “Mootummaa Waaqaatitti jilaaf ka tee'u ka badhaadhe!” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gumi teete sagale nyaattu keesa namichi toko waan kana d'ageennaani waan Yesoni jed'e, Ayyaana isati ka sagale Finna Waaqa keesati nyaatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gumii teettee sagalee nyaattu keessaa namichii tokko waan kana dhageennaan Yesusiin, “Ka sagalee Mootummaa Waaqaa keessatti nyaatu ka badhadhe” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra taa'an keessaa tokko kana dhagayee, «Jeennata Rabbiititti ka hurbaata nyaatu'uuf taa'u ka eebbifame!» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra taa'an keessaa tokko kana dhagayee, «Jeennata Rabbiititti ka hurbaataa nyaatu'uuf taa'u ka eebbifame!» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Nyaataaf ta'anii worra turan keessaa tokko waan Yesus dubbate dhagayee, «Mootummaa Waaqaa titti nyaataaf taa'uu ka danda'u, inni attami ka eebbifame!» ni jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Keessummoota qori'itti hiiqanee tee'ane keessaa tokkochi, kana yennaa dhage'e Yesuusiin, «Mootummaa Waaqaatitti jilaaf ka tee'u ka badhaadhe!» jedhe.