Luke 14:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan martinuu ammoo waan itti aalatanu himatiisatti ka'ane. Ka matoomaa, ‘Lafa bitadheera, dhaqee ilaalu'uu male; maganne'e na hin kajeelin!’ jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo worri ch'ufti aka taka wo haalate. Namichi qara waan jed'eeni, Anini oobru bitad'e, d'aqe ilaalu male; na eebisi, d'ufu indandau.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii yaaman kaan cuftii ammoo ‘Akka dhumnu hinqamnu’ jedheetti hojjataa kaaniitti rakkoo akka akkaa deeffate. Namichii qaraa, ‘Anin oobruu takka bitadhee, dhaqee laaluu malee, naa eebbis, dhufuu hindanda'uu’ jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan martinuu sababaa adda addaa himachuu jalqaban. Ka duraa, ‹Lafa bitadheera; deemee laalladhaa dhiifama akka naa gootu si kadha› jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan martinuu sababaa adda addaa himachuu jalqaban. Ka duraa, ‹Lafa bitadheera, deemee laalladhaa, dhiifama akka naa gootu si kadha› jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Garuu tokko tokkoon afeerama'aa afeerrii irraa hafu'uuf sababa kennuu jala ni qabe, tokko ‹lafa waan biteef deemee laaluu qaba, kanaaf dhufu'uuf hin danda'uutii, dhiifama naa taasis› jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan martinuu ammoo waan itti aalatanu himatiisatti ka'ane. Ka matoomaa, ‹Lafa bitadheera, dhaqee ilaalu'uu male; maganne'e na hin kajeelin!› jedheen.