Luke 14:19 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kuun, ‘Qotiyyoo ximmaadii shan bitadheera, qotiisaa fi qotiisa dhabuu isaanii ilaaliisaaf kunoo kara'atti bayeera; maganne'e na hin kajeelin!’ jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami d'ibiini waan jed'eeni, Anini t'indi shani ta qotiyo bitad'e, d'aqe ilaalu male; na eebisi, d'ufu indandau.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii lammeessoo, ‘Anin qotiyyoo xindii shanii bitadhee, dhaqee laaluu (akka isiin hojjatu laaluu) malee, naa eebbis, dhufuu hindanda'uu’ jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka biraa, ‹Qotilee morma shanii bitadheera; isaan leenjisu'uuf deemaa dhiifama akka naa gootu si kadha› jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka biraa, ‹Qotiloota morma shanii bitadheera; isaan leenjisu'uuf deemaa; dhiifama akka naa gootu si kadha› jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Ka bira'aa, ‹qotiyyoo ximmaada shanii waan biteef isaan leenjisuu qaba, kanaaf dhufu'uuf hin danda'uutii, dhiifama naa taasis› ni jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kuun, ‹Qotiyyoo ximmaadii shan bitadheera, qotiisaa fi qotiisa dhabuu isaanii ilaaliisaaf kunoo kara'atti bayeera; maganne'e na hin kajeelin!› jedheen.