Luke 14:21 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre tajaajilaan galee goottaa ifiititti waan kana hime. Abbaan jilaa aaree tajaajilaa ifiitiin, ‘Ariifadhuu gara karaa gugurda'aatii fi xurree qachaa keessaa dhaqiitii worra hiyyeessa, worra naafa, worra balla'aa fi worra hokkolaa fidi!’ jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Garbichi kaani gallaani waan kana ch'ufa abba ufiti hime. Duuba abbaani kaani dalane waan garbicha ufitiini jed'e, hurrisi, deemi, karaafi daandi dira keesa dedeemi, hiyyeeyifi naafafi ballafi nama hokoluuni kooti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hojjataan kaan gallaan waan kaan cufa abbaa ufiitti hime. Jennaan abbaan kaan dallanee hojjataa ufitiin, ‘Hurrisii, deemii, karaa fi daandii diraa keessa dedeemii, hiyyeeyyii, naafa, ballaa fi nama okkoluun kootti’ jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hojjataan isaa sunillee achii deebi'ee waan kana maraa Gooftaa ufiititti hime. Hennaa san abbaan cidhaa aaree hojjataa isaa saniin, ‹Dafii ariifadhuu gara karaa badha'aa fi xurre'ee bayi hiyyeeyyii, naafa, worra hokkoluu fi worra ijaan hin argine waami!› jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hojjataan isaa sunillee achii deebi'ee waan kana maraa Gooftaa ufiititti hime. Hennaa san abbaan cidhaa aaree hojjataa isaa saniin, ‹Dafii ariifadhuu gara karaa badha'aa fi xurre'ee bayi, hiyyeeyyii, naafa, worra hokoluu fi balloota waami!› jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Tajajilaan'llee gara manaa deebi'ee kana maraa Gooftaa isaa titti ni hime, abbaan manaa'llee dallanee tajaajila'aan, ‹dadafiitii gara karaawwan magaala'aatii fi dalggaa maraa deemi, hiyyeesota, qaama miidhamttoota, jaamota, hokkolttoota'llee, waamiitii naa fidi› jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre tajaajilaan galee goottaa ifiititti waan kana hime. Abbaan jilaa aaree tajaajilaa ifiitiin, ‹Ariifadhuu gara karaa gugurda'aatii fi xurree qachaa keessaa dhaqiitii worra hiyyeessa, worra naafa, worra balla'aa fi worra hokkolaa fidi!› jedhe.