Luke 14:26 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Nami gara kiyya dhufu, abba'aa fi haadha ifii, haadha manaatii fi ijoollee ifii, obboleeyyanii fi obboleettota ifii, jiruu ifiille ana caalaa ka jaallatu yoo te'e, barataa kiyya te'iisaaf hin dande'u.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami nati d'ufu, ka abbaafi haad'a ufi injibine, yokhaani niitifi ijoolle yokhaani oboleesafi oboleeti yokhaani jireenna ufile injibine, dandae nama kiyya intahu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Namii natti dhufu, ka abbaa fi haadha ufii, yokaan niitii fi ijoollee ufii, yokaan obbooleessaa fi obbooleettii ufii, yokaan jireenna ufii hinjibbine, danda'ee nama kiyya hinta'u.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eennullee ka gara kiyya dhufuu fedhu yoo jiraate abba'aa fi haadha ufii, haadha manaa, ijoollee, ilmaan haadhaa, intallan haadhaatii fi jiruu ufiillee uduu hin hafne yoo hin jibbine darasaa kiyya ta'uu hin danda'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eennullee ka gara kiyya dhufuu fedhu yoo jiraate, abbaa fi haadha ufii, haadha manaa, ijoollee, Ilmaan haadhaa, Intallan haadhaatii fi jiruu ufiillee uduu hin hafne yoo hin jibbine, darasaa kiyya ta'uu hin danda'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Gara kiyya ka dhufu marrinuu abbaa isaatii fi haadha isaa, haadha worraa isaatii fi ijoollee isaa, obboleeyyan isaatii fi obboleettiiwwan isaa, lubbuma mataa isaatuu ana caalsisee ka jaalatu yoo ta'e, barataa kiyya ta'uuf hin danda'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Nami gara kiyya dhufu, abba'aa fi haadha ifii, haadha manaatii fi ijoollee ifii, obboleeyyanii fi obboleettota ifii, jiruu ifiille na caalaa ka jaalatu yoo te'e, barataa kiyya te'iisaaf hin dande'u.