Luke 14:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Yesuus isaaniin, “Isin keessaa nami tokko, ilmi isaa yookiin qotiyyoon isaa yoo boolla keessa bu'e, yennuma san guyyaa Sanbataatiin ka hin baanne eennu?” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni waan worraani jed'e, Eentu isani keesa, yo harre yokhaani looni isaa eela keesa buani hojuma suni yo guyya Sabato taatele keesaa imbaamne?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan innii warraan, “Isan keessaa, eentu yo mucaan isaa yokaan horiin isaa eela keessa duraa bu'ee, yo guyyaa Sanbataa taateellee, yoma sun keessaa hinbaamne?” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Isin keessaa namni harreen yookaan qotiyyoon isaa guyyaa Sambataatiin boollatti yoo jalaa bade ka hin baafne eennu?» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Isin keessaa namni harreen yookiin qotiyyoon isaa guyyaa Sambataatiin boollatti yoo jalaa bade ka hin baafne eennunni?» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti aansee'llee Yesus, «Isin keessaa guyyaa Sanbbataatiin ilmi isaa yookiin qotiyyoon isaa boolla keessatti yoo jalaa kufee, bakkumatti ka hin baafinneen eennu?» jechu'uun, isaan ni gaafate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Isin keessaa nami tokko, ilmi isaa yookiin qotiyyoon isaa yoo boolla keessa bu'e, yennuma san guyyaa Sanbataatiin ka hin baanne eennu?» jedhe.