Luke 14:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Yennaa nami tokko gara jila fuudhaa fi heerumaa si waame, addee ulfinnaa hin tee'in, nami si caalu waamameera fa te'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja jila fuud'ati si yaamani, barch'uma gudda ira intaini; wonti akanatiifi hojja nama sira jiru yaamani,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Yo jila fuudhatti si yaaman, barcumaa guddaa irra hintaa'in, wantii akkanatiif, yo nama sirra jiru yaaman,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Eennullee yoo cidha si waame hulee ulfinnaa hin taa'in. Maal laataa ka si caalaa kabajjamaa ta'e waan waamame jiruuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Eennullee cidha yoo si waame hulee ulfinnaa hin taa'in. Maal laataa ka si caalaa kabajjamaa ta'e waan waamame jiruuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Naminni tokko afeerrii cidhaatiif yoo si waame, bakka ulfinnaa hin taa'in, yookiin nama si caalaa ulfinna qabutu waamamee jira ta'a,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Yennaa nami tokko gara jila fuudhaa fi heerumaa si waame, addee ulfinnaa hin tee'in, nami si caalu waamameera fa te'a.