Luke 14:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Abbaan isin lamaanuu waame sun dhufee, ‘Addee tana namicha kanaaf lakkisi’ yoo si'iin jedhe, qaanowaa addee namichaaf lakkittee, addee gadee dhaxxee hin teetta.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
namichi siifi isa yaame kaani d'ufe hegeri waan siini jed'u, Nama kana duraa kai, duuba atini ch'eerte fulla d'ibi teeta.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
namichii sii fi isa yaame kaan hegerii dhufeetti, ‘Nama kana duraa ka'i’ siin jedha. Duuba atin ceerteetti dhaxxee fulaa dhibii, kaaraa irra teeta.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka si'ii fi isallee waame dhufee, ‹Nama kanaa bakka gad dhiis› yoo siin jedhe, hennaa san ati saalfata'aa hulee san gad dhiiftee bakka gad aanaa teetta.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka si'ii fi isallee waame dhufee, ‹Nama kanaa bakka gadi dhiis› yoo siin jedhe, hennaa san ati saalfata'aa hulee san gadi dhiiftee bakka gadi aanaa teetta.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
eegaa isin lamaanuu naminni afeere gara kee dhufee, ‹bakkee kana nama kanaa gadi dhiisiif!› siin ni jedha, yeroo sanitti saalfata ol aana'aan, gara bakka gad aana'aa buutee, ni teetta.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abbaan isin lamaanuu waame sun dhufee, ‹Addee tana namicha kanaaf lakkisi› yoo si'iin jedhe, qaanowaa addee namichaaf lakkittee, addee gadee dhaxxee hin teetta.