Luke 15:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani isinitti hima; akkuma kana cubbichi tokko cubbuu ifii irraa yennaa deebi'u ergantooti Waaqaa hin gammadan” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan anini isaniini jed'u, Akasuma malaikaani Waaqa gammaddi, hojja nami toko ka daba qabu daba suni iraa deebiu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin isanitti himaa, yo namii tokko ka cubbuu qabu cubbuu sun irraa deebi'uu ergamtootii Waaqaa akkasuma gammaddi” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma cubbamaa aagii galu tokkoof sami'itti maleekkonni Rabbii hin gammadan.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma cubbamaa aagii galu tokkoof sami'itti maleekkonni Rabbii hin gammadan.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gara Waaqaa titti ka deebi'u sababa cubbamaa tokkootiin, sami'itti maleyikkoota Waaqaa biratti akkuma kana gammachuu ni ta'a, isiniin jedha.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani isinitti hima; akkuma kana cubbichi tokko cubbuu ifii irraa yennaa deebi'u ergantooti Waaqaa hin gammadan» jedhe.