Luke 15:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waan qabu maraa fixateen duuba, beelti jadduun biyya sanitti gallaan rakkate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ch'ufa hobaamnaani beelti taka inargiini lafa suni d'ufte, inni harka duwa hafe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii innii waan qabuu cufaa hobbaase, beeltii hamtuun lafa sun dhuftee, harka duwwaa hafe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga inni maraa fixeen maayessa biyya sanitti beelli jabaan waan galeef rakkatuu jalqabe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haga inni maraa fixeen maayessa, biyya sanitti beelli jabaan gale. Innillee rakkatuu jalqabe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Qabeenna isaa maraa eega fixeen duubatti, biyya san beelli cimaan aseenuu isaatiin, rakkinna irra ni bu'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waan qabu maraa fixateen duuba, beelti jadduun biyya sanitti gallaan rakkate.