Luke 15:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Yennaa tana ilmi angafichi fichaa keessa jiraayyu. Yennaa deebi'ee manatti dhikaate weeddu'uu fi sirba dhage'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ilmi angafa kaani hojja suni oobru keesa jira. Ato galu manati d'iaannaani, sirbafi taba d'agaye.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Ilmii angafittichii kaan yo sun oobruu keessa jira. Adoo galuu manaatti dhi'aannaan, sirbaa fi tapha dhaga'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san ilmi hangafaa qonna keessaa dhufee hennaa gara manaa dhiyaatu laagaa dibbe'eetii fi sirbaa dhagaye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa san ilmi hangafaa qonna keessaa dhufee, hennaa gara manaa dhiyaatu laagaa dibbe'eetiif sirbaa dhagaye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Yeroo kanatti ilmi hangafaa huji'iif gara bakka qonnaa bayee ture, deebi'ee yoo dhufu gara manaa yeroo dhiyaatetti, qooniqqa meeshaa sirbaatii fi sirbaa'llee ni dhagaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Yennaa tana ilmi angafichi fichaa keessa jiraayyu. Yennaa deebi'ee manatti dhikaate weeddu'uu fi sirba dhage'e.