Luke 15:29 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni ammoo deebisee abbaa ifiitiin, ‘Ilaa, ani woggoota kana duudii akka garbichaa si'iif hujaa ture, ajaja keetille ijjumaa didee hin beeku; ati ammoo akka ani lansoota tiyya woliin gammaduuf buruusoo re'e'eelle ijjumaa anaaf kennitee hin beettu!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo inni waan abbaani jed'e, Ilaala ganna heddu kana ch'ufa anini si hojad'e, seera kanke tokole inch'absine, ammo atini taka rupa reele guyya tokole naa inkennine, aka anini jaalaani tiyya woliini gammadu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii ammoo deebisee abbaan, ‘laal! Anin ganna hedduu kana cufa akka tissee sii hojjadhee, seera kankee tokkoollee hincabsine, atin ammoo akka anin jaallan tiyya waliin gammadu, ilmee ree'eellee takka naa hinkennine.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni ammo deebisee abba'aan, ‹Ani woggaa haganaa akka garbichaatitti sii hojjadheera; waan ati naan jette keessaa womaa didee hin beeku; anaaf jaalalloota kiyya woliin akka gammadu ilmoo re'e'eellee naa hin kennine.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni ammoo deebisee abba'aan, Ani woggaa haganaa akka garbichaatitti sii hojjadheera, waan ati naan jette keessaa womaa didee hin beeku; anaaf jaalalloota kiyya woliin akka gammadu ilmoo re'eellee naa hin kennine.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ilmi garuu abbaa isaatiif akkana jechu'uun ni deebise, ‹kunoo! Ani woggaa haganaa si tajaajilee jira, ajaja kee jalaa'llee bayee asii fi achi jedhee hin beeku, eegaa ani waaheloota kiyyaan woliin waan ittiin gammadu, ilmmayyooma tokko'llee naa kennitee, hin beekittu!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni ammoo deebisee abbaa ifiitiin, ‹Ilaa, ani woggoota kana duudii akka garbichaa si'iif hujaa ture, ajaja keetille ijjumaa didee hin beeku; ati ammoo akka ani lansoota tiyya woliin gammaduuf buruusoo re'e'eelle ijjumaa naaf kennitee hin beettu!