Luke 15:32 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleessi keeti kun ammoo du'eeraayyu, amma ammoo jiraateera; badeeraayyu amma ammoo dhaggameera; waan kanaaf nuuti jilifannee gammaduu qana’ jedheen” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aki nu gammada tolchinu fullaa; wonti akanatiifi oboleesi kanke kunini qara ya due ammo amma la kae, qara ya bade ammo amma la gale.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkii nu gammada tolchinu fulaa, wantii akkanatiifii obboleessii kankee kunin qara ya du'e, ammoo amma la ka'e, qara ya bade, ammoo amma la gale’ ” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo obboleessi kee kun du'ee ture; amma ammo jiraataa ta'eera; badee waan argameef guddifnee gammanna› jedheen.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammo obboleessi kee kun du'ee ture; amma ammoo jiraataa ta'eera; badee waan argameef, guddifnee gammanna› jedheen.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Obboleessi kee kun garuu du'ee jira ture, amma lubbu'uun ni jira, badee ture, amma argamee jira, kanaaf haalaan gammadu'utu nurra mala.› »
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleessi keeti kun ammoo du'eeraayyu, amma ammoo jiraateera; badeeraayyu amma ammoo dhaggameera; waan kanaaf nuuti jilifannee gammaduu qanna› jedheen» jedhe.