Luke 15:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Isin keessaa hoolee dhibba ka qabu, dhibba san keessaa hooleen takkattiin yoo duraa badde, sagaltamii sagali diidatti lakkisee hoolee badde san haga dhaggutti barbaadiisaaf ka hin baane eennu?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani keesa, nami hooliye d'ibba toko qabu, ka hojja toko keesaa bade sagaltami sagalaani taani d'eedati lakise tokocha bade suni, haga argatuuti, barbaada indeemne eennu?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Isan keessa, namii hooliyyee dhibba tokko qabu, ka yo tokko keessaa badde sagaltamii sagallan taan dheedaatti lakkisee tokkocha bade sun, haga argatutti, barbaada hindeemne eennu?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Isin keessaa namni hoolota dhibbaa qabu tokko sanniin keessaa hoolaan tokko yoo jalaa bade sagaltamii sagal raasa'atti dhiisee ka isa jalaa bade san haga arguuf barbaadu'uuf ka hin deemne eennu?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Isin keessaa namni hoolota dhibbaa qabu tokko, sanniin keessaa hoolaan tokko yoo jalaa bade, sagaltamii sagal raasa'atti dhiisee ka isa jalaa bade san haga arguuf barbaadu'uuf ka hin deemne eennu?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Isin keessaa hoolota dhibbaa naminni qabu, dhibba keessaa tokko jalaa yoo badee sagaltamii sagilanuu bosonatti dhiisee haga ka bade argatutti, soqu'uuf ka hin deeminne eenu?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Isin keessaa hoolee dhibba ka qabu, dhibba san keessaa hooleen takkattiin yoo duraa badde, sagaltamii sagali diidatti lakkisee hoolee badde san haga dhaggutti barbaadiisaaf ka hin baane eennu?