Luke 15:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa dhaggite lansootaa fi olloota ifii waantee, ‘Saantii Maallaqaa tiyya, ta na duraa badde waan dhaggeef na woliin gammada'a!’ isaaniin hin jetti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo argatte, jaalaanifi olla ufi wolti yaamte waan jettuuni, Na woliini gammada, waan anini qarsi tiyya ta badde argad'eefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duuba yo argatte, jaallan isiitii fi ollaa isii walti yaamteetti, ‘Waan qarshii tiyya ta badde argadheef koottaa, na waliin gammadaa!’ jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa argite ammo jaalalloo ufiitii fi ollaa ufii waamtee, ‹Ani saantibii tiyya ta na jalaa badde waan argadheef na woliin gammadaa'a!› isaaniin jetti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa argite ammoo jaalalloo ufiitiif ollaa isi'ii waamtee, ‹Ani saantibii tiyya ta na jalaa badde waan argadheef na woliin gammadaa'a!› isaaniin jetti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo argattetti'llee waahellan isi'iitii fi olloota isi'ii bakka tokkotti waamittee, ‹meeta birri'ii ka ana jalaa bade argadheenii, gammadee jira, isin'llee anaan woliin gammadaa!› isaaniin jetti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa dhaggite lansootaa fi olloota ifii waantee, ‹Saantii Maallaqaa tiyya, ta na duraa badde waan dhaggeef na woliin gammada'a!› isaaniin hin jetti.